Waaqayyo Mootiidhaaf Ol aantummaa Kennuu Isaa
Faarfannaa 110
Faarfannaa Daawit.
1 Waaqayyo, gooftaa kootiin:
“Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti,
karaa mirga koo taaʼi” jedhe.
2 Waaqayyo, “Diinota kee gidduutti moʼi” jedhee
bokkuu aangoo keetii Xiyoonii siif erga.
3 Gaafa ati waraanaaf baatu,
loltoonni kee fedhee isaaniitiin si faana qajeelu.
Ati gadameessa ganamaa keessaa,
surraa qulqulluu gonfattee fixeensa dargaggummaa keetii qabaatta.
4 Waaqayyo, “Akka sirna Malkiiseedeqitti,
ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera.
Inni yaada isaa hin geeddaru.
5 Gooftaan karaa harka kee mirgaa jira;
inni guyyaa dheekkamsa isaatti mootota ni burkuteessa.
6 Inni reeffa tuuluudhaan, bulchitoota guutummaa lafaa
barbadeessuudhaan sabootatti mura.
7 Innis laga karaa cina jiru keessaa ni dhuga;
kanaafuu mataa ol qabata.